Our people have shown to the enemy and to the entire world that our struggle has grown in maturity, size and extent.
![]() ![]() Oromoon qaamaan isaani beekuu fi kanneen wallee isaa kaasetta irraa caqasan yeroo hunda imimmaantu isaan dursa, sababni isaas maaliif akka tae kan beekaan Oromoota falma bilisummaa irra jiranii fi kanneen jiruu fi jireenyaan waanjoo gabrummaa mootummaa Habashaa jalatti kufanii jireenya hadhaawaa dirqiin dhamdhamsiiffachaa jiran qofatu beeka. Kanatti dabalee amalli artistiin kabajamaan kun weeyitii lafa irra turetti qabu, kokkofluun,xabachuu fi kabajaan nama simachuunsaa yoom illee ija hiriyyootansaa fi Oromoota qaamaan isaan beekan jalaa hin badu. Artisti Usumaayyoon Bara 1987 ega Abdii Mahammed (qophee), Kadir Said, Adam Haarun, Abdii Abraahim, Halloo Daawwee fi artistoata biro waliinis wal bareen booda fedhii jaalala muuziqaa tan isa keysa jirtu ifatti baasuuf Abdii Mahammed wajjiin hujii muuziqaa qindeyfate shakala xumuree albama tokkofaa isaa gitaara Ahis habbootan dabaalee mana muuziqaa JOLIY kan jeamutti gurgure. Kaasenni isaa saniis achumaan cilee bishaan buute tahee duraa hafe. Bara 1991 eega dargiin Caphe booda waamicha Addi Bilisummaa Oromoo (ABO)n Artistoota Oromoo hundaaf godhe kabajuudhaan Artist Usmaayyoon artistoota baayyee wajjin kaayyoo bilisummaa irratti hundaawee akeeka siyaasaa kaallacha qabsoo ummata Oromoo (ABO) fudhatee hawwisoo caffee gadaa wajjin magaalaa dadar keysatti gurmaawee qabsoo itti fufe. Sirbi Usmaayyoon sagalee isaa laayyoo alalaasaa ture, ummata Oromoo baayyee garaa roraasee qabsoof Kakaase. Bara 1992 erga mootummaan Ceumsaa diigamteen boodas Artis usmmaayyoon sirboota siyaasaa ummata Oromoo jajjabeessanii fi hamilee cimsan wallisaa ture. Albama lammaffaa isaa nuyaamti kan jadhu bara 1995 magaalaa irra akuma oolchetti, bara 1996 keeysa shira Wayyaaneetiin sarbamee, qabamee hidhame. Waggaa saddet guutuus mana hidhaa Zuwaay keessatti jireenya hadhawaa dabarse. Bara 2004 keysa akka mana hidhaa Zuwaayii gad lakkifamettis jium sana keeysa albama 3ffaa Hidhaa fi ajjeechaan hamilee nucabsu mata duree jedhuun baase.Gochaan isaa kunis Artist Usumaayyoon yoomiyyuu qabsoo kana irraa boodatteetti akka hin deebine mirkaneesseef. Haati warraa isaa gannoota saddetan Artist Usmaayyoon mana hidhaa mootummaa wayyaanee keessatti rakkachaa ture gidduutti ijoollee guddisuu fi abbaa ijoollee ishee ammoo mana hidhaa keessaa baasisuuf olii fi gad osoo fiigduu dadhabbii, miidhamaa fi roorroo ishee mudateen ijoollee ishee dirreetti facaaftee, abbaa warraa ishee mana hidhaatti dhiiftee addunyyaa kana irraa godaante. Artisti Usumaayyoon roorroo fi dararama qaamaa fi qalbii irra gaaa tureen mana hidhaa Zuway keessatti baatii Sadaasaa bara 2006 addunyaa kana irraa duaan godaane. Sirni awwalcha isaas magaalaa Ciroo bakka uummatni Oromoo hedduminaan irratti argamanii gadda isaanii haala xiiqii fi haluu baafannaa guddaa of keessaa qabuun raawatameera. Qabsaawaan ni kufaa, qabsoon itti fufa Lubbuu artiist Usmaayyoo Muusaa Waaqayyoo haa boqochiisu jenna. Usmayoon barabaraan yaadanna Labels: Artist Usmaayoo Muussaa. Tumamiinsa fii rakkoolee yeroo dheeraadhaf irra turerraa kan kae osoo hin fayyin dua isaa tanaaf sababa taate.Awwaalcha Usmaayyoo kan kaleeysa (20112006).sirna cimaadhan geggeeffamerrati Sabboonttonni Oromoo awaalcha kanarrati argaman Qabsaawan Kufus qabsoon itti fufti dhaaddannoo akka dhiheeysaa turan oduun achirraa dhufte ibsiti. Waaqni firoota isaatifii sabboontota Oromoo waaqni isin haa jajjabeeysu jenna.Seenaa gabaabaa usmaayyoo yeroo nu dhaqqabe isiniif dhiheeysina.GGB Labels: Artist Usmaayoo Muussaa Adunyaa irraa godaane. Dhaamsa guyyaa yaadannoo gotoota oromoo bara 2006kabajannu kessummoota afeere kessa tokko Dr asaffaa Jaalataati haasawa isaan mana Oromiyaa Gadaan oOromoo Haa lLalisu kan paltaki gubbaratti waan isaan jadhan kessaa hanga tokko haa walin caqafnnu. It was on this day that the Oromo people raised their liberation struggle to a new height, covering the entire Oromo land in a highly coordinated manner that has never been seen before. On this day, the entire Oromo population accepted the call made by its vanguard Front OLF and revolted on the TPLF government by raising legitimate demands.
0 Comments
Leave a Reply. |
Details
AuthorWrite something about yourself. No need to be fancy, just an overview. ArchivesCategories |